Godina Lixa Wallaggaa keessatti waraanni weerartuu PP namoota nagaa irratti ajjeechaa fi hidhaa geggeessaa jiru.
ONM-ABO Fulbaana 16, 2022 Itoophiyaa jalatti ilmaan Oromoo saboota kan biroo caalaatti xiyyaaffatamuun Oromummaa isaa qofaaf Oromiyaa bakkoota hedduuti hidhamuu fi ajjeeffamuun hiree ta’eefii jira.
Keessummattuu ilmaan Oromoo waggoottan arfan kana keessatti kan yeroo kamiyyuu caalaa akka bineensaatti adamsamee ajjeffamuun qe’ee abbaa isaa irratti kabajaa dhabeera.
Godina Lixa Wallaggaa ona Gimbii ganda Laalisaa Sariitii keessatti waraanni faashistii Abiy Ahimed kanneen ilmaan Oromoof gara laafina hin qabnee dargaaggoo Margaa Asfawuu jedhamuu mana maatii isaatii Fulbaana 14,2022 ganama keessaa toora sa’a 1:00 akka lakkoofsa impaayeraatti ajjeessani deemuu jiraattotni Arraata Biyyoolessaa Oromiyaatti himan.
Dargaggoo Margaa erga ajjeessaniin booda namoota maqaan isani nuu hin qaqqabin 6 qabanii reebaa demaanii jiraachuu jiraattootni dabaluun ibsaniiru.

