Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagalootti dargaggoonni sadii murtii malee waggaa lamaa oliif waajjira poolisii aanichaatti hidhamuun barame

ONM-ABO Hagayya 2, 2024

Murnoonni bilxiginnaa ilmaan Oromoo sobaan yakkanii ukkaamsuun mana hidhaatti darbatanii gaaffii seeraa tokko malee mana hiraarsaa keessa tursuun garmalee dararaa kan jiran ta’uu fi kaan immoo achi  buutee isaanii dhabamsiisaa jiraachuun isaanii ni beekama.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Waamaa Hagalootti dargaggoonni sadii sobaan yakkamuun murtii malee waggaa lamaa oliif waajjira poolisii aanichaatti hidhamanii dararamaa jiraachuun baramee jira.

Murnoota bilxiginnaa aanichaatiin waggoota lamaan dura sobaan yakkamuun dargaggootni maqaan isaanii:

  1. Magarsaa Dhinsaa,
  2. Dhugumaa Moosisaafi
  3. Fayyeeraa Dabalaa kanneen jedhaman gocha isaanii malee waajjira poolisii aanichaatti waggaa lamaa oliif murtii malee hidhamanii dararamaa jiraachuu namoonni itti dhiyeenyaan beekan ni dubbatu.

Akka seera barreeffamaan jiruutti namni kamuu balleessaa isaan mana murtiitti dhihaatee akka badii isaan murteen kan itti laatamu ta’us garuu faallaa kanaa waggoota murni bilxiginnaa aangootti dhufee kaasee  namoonni danuun murtee seeraa malee waggaa dheeraaf waajjira poolisii aanaatti hidhamanii gidirfamaa jiru.

Exit mobile version