ONM-ABO Hagayya 5, 2024
Gareen faashistii Abiy Ahimed loltoota isaa goleewwan Oromiyaa hundatti bobbaasuun maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo gargaartu” jedhu itti maxxansuun kan durii caalaa hawaasa nagaa hidhaatti guuruu jabeessee itti fufee jiraachuun ibsameera.
Haaluma kanaan, godina Wallagga Bahaa aanaa Waamaa Hagalootti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu itti fufanii jiraachuun ibsameera.
Hojjetaa waajjira galii aanichaa kan ta’e nama maqaan isaa Abraahaam Aagaa (Mohaamad) jedhamu sababa tokko malee “hariiroo Waraana Bilisummaa Oromoo waliin qabda” jechuun badii tokko malee baatii tokkoo oliif hidhanii dararaa jiraachuu namoonni itti dhiheenyaan beekan eeranii jiru.
Abrahaam nama siyaasa kam keessa illee hin jirre yoo ta’u, hojii dhuunfaa isaa qofa hojjetatee kan buluu fi sobaan yakkamee waajjira poolisii onichaatti kan hidhamee jiru ta’uu jiraattonni kun itti dabaluun ibsanii jiru.

