Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee Lixaa aanaa Doobbaatti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi hiraarsuu itti fufan

ONM-ABO Hagayya 5, 2024 

Kutaalee Oromiyaa adda addaa irraa ilmaan Oromoo jumlaan hidhaatti guuruun dararaa ulfaataa ta’e irraan ga’uun, qabeenyaa irrattis saamicha hamaa geggeessaa kan jiranii fi dantaa namummaa kan hin qabne murnoonni bilxiginnaa, godina Harargee Lixaa aanaa Doobbaatti hawaasa nagaa hidhaatti guuruu akkuma itti fufanitti jiru.

Hagayya 1, 2024 dargaggoota maqaan isaanii:

  1. Nuuraddiin Abdurhaamaan
  2. Abdallaa Mahaammad Aammee 
  3. Firoo Abdurhaamaan Muusaa kanneen jedhaman badii tokko malee sababa Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu” ittiin jedhanii ukkaamsuun mana hidhaatti darbachuu jiraattonni gandichaa himan.

Dargaggoonni kunneen yeroo ammaa kana waajjira poolisii aanaa Doobbaatti hidhamanii dararamaa jiraachuu fi akkuma aanichaatti dararaan murnoota bilxiginnaa hawaasa nagaa irratti raawwatamu cimee itti fufee jiraachuun ibsameera.

Exit mobile version