Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti ergamtoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa saamuu itti fufan

ONM-ABO Fulbaana 12, 2024

Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenya isaa abiddaan barbadeessuu hojii idilee isaanii kan godhatan waraanni maafiyaa impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaaf yakkuun dararaa hamaa irraan gahuu cimsanii itti fufan. 

Haaluma kanaan, Godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti ergamtoonni bilxiginnaa uummata saamaa jiru.

Aanaa Doobbaa arraddaa Tokkummaa Jaalalaa keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti waamuun yeroo yerootti qarshii hedduu kan guurratan waraanni saamtuu impaayerichaa, yeroo ammaa kana immoo maqaa “caasaa gandaa haarawaa aanaa irraa gara gandaa dhufaniif waan isaan barbaachisu hunda guunna” jedhuun akka araddichaatti qarshii 300,000 dirqamaan guuruu fi isa guuran sanaan immoo namoota caasaa gandaa haarawaa ta’anii dhufaniif horii qalanii jiraachuu maddeen ONM’tti himan.

Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himaniiru.

Exit mobile version