ONM-ABO Onkoloolessa 19, 2024
Uummata Oromoo qe’ee fi qabeenya isaa irratti hadheeffachuun badii tokko malee sobaan yakkanii ajjeesuu, saamuu, hidhuu fi qabeenyaa isaa ibiddaan barbadeessuu hojii idilee isaanii kan godhatan waraanni maafiyaa impaayerattii goleewwan Oromiyaa mara keessatti ilmaan Oromoo, Oromummaa isaanii qofaan yakkuun dararaa hamaa irraan ga’uu cimsanii itti fufanii jiru.
Haaluma kanaan, godina Lixa Harargee aanaa Doobbaatti ergamtoonni Bilxiginnaa uummata nagaa saamuu akkuma itti fufanitti jiru.
Aanaa Doobbaa araddaa Ifaa Gooluu jedhamu keessatti maqaa kaffaltii gosa adda addaa itti waamuun yeroo yerootti qarshii hedduu kan guurratu waraanni saamtuu impaayerichaa, yeroo ammaa kana immoo maqaa buusaa gonofaa, ispoortii fi kanneen biroo itti dhahuun nama tokko irraa dirqamaan qarshii 1000 fi isaa ol guuruu fi isa guuran sanaan immoo bu’aa dhuunfaa isaaniif oolfachaa jiraachuu maddeen ONM’tti himan.
Kana duras, gandoota aanichaa hunda irraa maqaa gosa kaffaltii adda addaa uummatatti dhahuun saamaa kan turanii fi yeroo ammaa kanas haaluma duraa sanaan itti fufuun kanneen qarshii jedhame kaffaluu didan immoo reebichaa fi hidhaan dararaa jiraachuu jiraattonni araddichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeranii jiru.

