Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti murnoonni bilxiginnaa hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Hagayya 10, 2024 

Murnoonni bilxiginnaa guyyaa guyyaan loltoota isaanii hunda dararaa hamaa ta’e akka uummata Oromoo irratti raawwataniif bobbaasuun, godina Wallagga Bahaa aanaa Waayyuu Tuqaa keessatti loltootni sirnichaa hawaasa nagaa hidhuu fi saamuu cimsanii itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.

Ganda Haroo jedhamee beekamu keessaa Hagayya 8, 2024 nama maqaan isaa Qajeelaa Caalii jedhamu jalaa mana cabsuun qarshii 10,000 saamuu namoonni itti dhiheenyaan beekan ni dubbatu.

Kana malees, mana isaa erga jalaa caccabsanii booda qabeenya inni manaa qabu hunda saamuun qe’ee fi qabeenya isaa irraa buqqisanii jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.

Akkasumas namoonni hedduun balleessaa tokko malee qabamanii waajjira poolisii aanichaatti murtee seeraa malee baatii tokkoo fi isaa ol hidhamanii yaala illee dhorkatamuun dararamaa akka jiranis dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version