ONM-ABO Hagayya 7, 2024
Waraanni sirna nama nyaataa bilxiginnaa Koloneel Abiy Ahimediin bobbaafaman ilmaan Oromoo dinagdeen quucarsuu kaayyoo isaanii godhatanii kan socho’an, goleewwan Oromiyaa mara keessatti maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuun qabeenya uummata nagaa saamaa fi barbadeessaa jiraachuun beekamaadha.
Haaluma kanaan, godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Sireetti loltoonni imphaayera Itiiyoophiyaa hawaasa saamuu itti fufanii jiraachuun ibsamee jira.
Ganda Baqoo Jimaa jedhamee beekamutti dhaabbanni gargaarsa namoomaa Diippi’oo jedhamu qorqorroo 10-10 uummata manni isaa murnoota bilxiginnaan jalaa gubate gargaaruuf dhufe yoo ta’u, murnoonni bilxiginnaa immoo haaloo dhaabbata kana irraa qaban bahachuuf jecha jiraattota qorqoorroo karaa dhaabbatichaa isaaniif kenname gurgursiisuun saamanii jiraachuu jiraattonni gandichaa ONM’tti himanii jiru.
Kana malees, “daandii ijaarra” jechuun murnoonni bilxiginnaa qarshii uummata gandichaa irraa guuraa jiraachuun namoota qarshii hin qabne immoo hidhaatti darbachaa jiraachuun ibsameera.

