Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti waraanni imphaayera Itiyoophiyaa uummata nagaa hidhuu cimsee itti fufe

ONM-ABO Adoolessa 30, 2024

Murni nama nyaataa bilxiginnaa maqaa “Waraana Bilisummaa Oromoo waliin hariiroo qabdu” jedhuu fi “ilmaan keessantu bosona jira” jedhuun golee Oromiyaa mara keessatti uummata nagaa hidhuu, qabeenyaa isaa barbadeessuu fi ajjeesuu hojii idilee isaa taasifatee jira.

Haaluma kanaan, loltoonni imphaayera Itoophiyaa  Adoolessa 27, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu Sireetti hawaasa nagaa jumlaan hidhaatti guuraa jiraachuun ifoomeera.

Aanicha ganda Baqqoo Jimaa jedhamutti uummata nagaa jumlaan hidhaa kan turee fi itti jiru waraanni faashistii Abiy Ahimed namoota maqaan isaanii:

  1. Ra’uuf Ahimad,
  2. Aliyyii Jamaaloo,
  3. Ibsaa Jamaal,
  4. Iskiindir Abdallaa,
  5. Shariif Abdullaa,
  6. Mohaammadnuur Bayyaan kanneen jedhamanii fi kanneen biroo hedduun waajjira poolisii aanaa Sibuu Sireetti hidhanii garmalee dararaa jiraachuu maddeen keenya Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf himanii jiru.
Exit mobile version