ONM-ABO Hagayya 17, 2024
Waraanni goolessaan imphaayera Itiyoophiyaa goleelee Oromiyaa hunda keessatti uummata nagaa saamaa, ajjeesaa, hidhaa fi garmalee dararaa jiraachuu irra deddeebiin gabaasaa jirra.
Gocha badii uummata irratti hojjetu kana irraa kan hin dhaabbanne waraanni Bilxiginnaa Hagayya 12, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Sibuu siree ganda Burqaa Xaaloo jedhamutti uummata nagaa dirqamsiisuun erga wal ga’ii baasaniin booda, gara mooraa leenjii waraanaatti erguuf ganda tokko irraa dargaggeessa kudha torba akka barbaadan himan. Sababa kanaanis namoota diddaa agarsiisan hedduu reebuu fi qe’eef qabeenya isaanii irraa buqqaasuu isaanii maddeen keenya himanii jiru.
Haaluma wal fakkaatuun, namoota maqaan isaanii:
- Obbo Nugusee Nagaraa
- Mootummaa Raggaasaa
- Mootii Mitikkuu fi
- Bulchaa Shufeerii jedhaman ammoo mana hidhaatti darbachuudhaan dararaa hamaa irraan geessisaa jiraachuu Maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaa ifoomsanii jiru.

