Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa Aanaa Saasiggaa keessatti murni Bilxiginnaa namoota nagaa haleeluun dhaga’ame

ONM-ABO Hagayya 4, 2025 

Waraanni faashistii PP uummata nagaatti maqaa garaa garaa dhoobuun, gochaawwan gara jabinaa, qor-qalbii namaa miidhan goleewwan Oromiyaa mara keessatti, ilmaan Oromoo irratti fudhachuu itti fufuun godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Hora Waataa bakka addaa 4’ffaa jedhamuun waamu keessatti, Hagayya 2, 2025 Sanbata bariidhaan waraanni impaayerattii namoota nagaa irratti Dishqaa fi Bireena dhukaasuun uummatni qe’ee gadi lakkisee baqachuu jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaaf eeraniiru.

Gandichuma keessaa guyyaadhuma sana sa’atii wal fakkaataatti nama maqaan isaa: 

  1. Mahaammad Amiin Ibraahim jedhamu, mucaa isaa 
  2. shamarree Hamdiyaa Mahaammad 

jedhamtu waliin mana jireenyaa isaanii keessaa gadi baasuun, rasaasa kan itti roobsan yoo ta’u, namootni kunneen madoo hamaadhaaf saaxilamanii Hospitaala magaalaa Naqamteetti yaalamaa jiraachuu isaanii jiraattotni naannichaa dabaluun eeraniiru.

Kaayyoo fi karoora kan hin qabne loltootni impaayerattii humna hidhatee dirree irraa isa lolu dheessuun qe’ee hawaasaatti ol deebi’uun uummata nagaa irratti meeshaa gurguddaa dhukaasuun guyyuu qe’ee hawaasaa goolaa oolu.

Exit mobile version