ONM-ABO Hagayya 23, 2023
Waraanni impaayera Itoophiyaa barcuma aangoo siyaasaa Abiy Ahimed tiksuuf bobbaafaman sochii tibba kana Oromiyaa bakkoota hedduu keessatti taasisaa jiraniin uummata nagaa hidhaa, ajjeessaa fi saamaa akkasumas qe’ee fi qabeenya isaanii irraa godaansisaa jiru.
Haaluma kanaan Hagayya 21, 2023 godina baha Wallagga aanaa Saasiggaa magaalaa Jimaatee keessa hedduminaan qubsiifamanii kan jiran loltoonni bilxiginnaa, nama maqaan isaa Dassaaleny Aagaa jedhamu irratti reebicha guddaa eega raawwataniin booda qabanii deemuu jiraattotni dubbatu.
Gochoonni waraana PP’n aanaa Saasiggaa keessatti raawwachaa jiran hammaataa ta’uu kan dubbatan jiraattotni, namootni hedduun murnoota kanaan hidhamaa fi ajjeeffamaa kan jiranii fi haalli isaan keessa jiran illee yaaddessaa ta’uu dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

