Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ajjeechaa fi hidhaan hawaasa nagaa irratti waraana faashistii PP’n raawwatamu godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti cimee itti fufe

ONM-ABO Hagayya 23, 2024

Biyya afaan qawween ijaaramte impaayera Itiyoophiyaa keessatti uummatni Oromoo baroota dhufaa darbaa murnoota abbaa irree impaayerattii bulchaniin saboota kan biroo irraa addatti cunqursaan irratti raawwachaa ture.

Kanuma hordofuun, yeroo amma loltoonni bilxiginnaa waraana isaanii kan durii caalaa hedduminaan guutuu Oromiyaatti bobbaasuun uummata Oromoo irratti yakkoota gara jabinaa gita hin qabne raawwachaa jiru.

Haaluma kanaan, godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa keessatti namoota nagaa  hidhuu jabeessanii jiru.

Hagayya 20, 2024 magaalaa Jimaatee jedhamu irraa dargaggoota maqaan isaanii: 

  1. Abdii Yemaanee, 
  2. Daawwit Maammoo,
  3. Malkaamuu Fiqaaduu,   
  4. Girmaa Fiqaaduu fi kanneen biroo hedduu ta’an badii tokko malee qabuun waajjira poolisii onichaatti hidhuun dararaa jiraachuu maddeen keenya itti dabaluun eeraniiru.

Bulchiinsuma magaalaa Jimaateetti guyyuma sana  Hagayya 20, 2024 waraanni dhiiga ilma namaa soorachuun jiraatu nama maqaan isaa obbo Guddataa Olaanaa jedhamu mana hidhaa irraa baasuun haala suukkanneessaa ta’een rasaasa itti roobsuun ajjeesuu sagantaa keenya darbe irratti gabaasuun keenya ni yaadatama. 

Exit mobile version