Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaatti waraanni faashistii PP nama tokko madeessuun hidhaa fi saamichas geggeessuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayya 18, 2024

Impaayerri Itiyoophiyaa mirga lubbuun jiraachuu, mirgoota namummaa fi diimokiraasii hawaasa irraa mulquun bulchinsa isaa abbaa irree taasifatee hojjechaa jira.

Itiyoophiyaatti yakkamaan dhiiga lammiilee nagaa dhangalaasaa jiru gaafatamuu osoo qabuu waan ta’uu fi hin taanetti wal badhaasaa kan oolan murni Bilxiginnaa, hawaasa nagaa hirmaannaa siyaasaa irraa walaba ta’an garuu rasaasaan waadanii ajjeesuu, hidhuu fi saamicha irratti raawwataa jiru.

Akkuma kanaanis Hagayya 16, 2024 godina Baha Wallaggaa aanaa Saasiggaa ganda Dangaallee Koongoo jedhamu irraa Fiqiruu Galataa kan jedhamu waraanni bulchiinsa magaalaa Jimaatee irraa bobbaafaman gara laafina tokko malee rasaasa itti dhukaasuun akka madeessan beekameera.

Kana malees jiraattota bulchiinsa magaalaa Jimaatee kan ta’an; Abdii Imaanee, Kiisoo Gurmuu, Waasilaa Iggazuu ganda Haroo Guddinaa keessaa ammoo Leencoo Waganuu yoo ta’an isaan kana malees namoonni danuun magaalaa aanichaa keessatti hidhamanii hiraarfamaa jiraachuun beekameera.

Dabalataanis Obbo Kiisoo Gurmuu jalaa konkolaataa geessuun meeshaalee mana isaa keessaa qabeenyaa guutummaatti saamuun yoo ba’an, dukkaana keessatti meeshaaleen argamu kan qarshii guddaatti tilmaamamu cuftuu akka saamame ONM odeeffateera.

Exit mobile version