OMM-ABO Adooolessa 2, 2024
Qabeenya uummataa maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabduun saamuu dabalatee yeroo ammaa namoota hedduu gandoota baadiyyaa aanaa Jalduu keessaa hidhanii dararaa jiraachuu maddeen magaalichaa ONM’f himan.
Akka maddi keenya magaalichaa jedhutti gandoota aanichaa, Osolee, Kilbee, Qoricha Dheeraa fi kanneen biroo keessaa waggaa darbe irraa kaasuun namoonni baayinni isaanii 200 ol ta’an qabanii waajjira Poolisii aanichaa keessatti hidhanii dararaa jiraachuu ibsa.
Namoota kanneen jalaa qabeenya isaanii saamuu dabalatee isaaniinis murtii seeraa malee ragaa qabatamaa osoo hin qabaatin ija shakkiin ilaaluun maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabdaan hidhanii dararaa akka jiran hime.
Birruu Margaa kan jedhamu abbaa maatii fi bulchaa ganda Qoricha Dheeraa kan ture yoo ta’u baatii shan dura ganduma isaa keessatti loltootni kunneen sangoota lama jalaa qalachuun nyaachuu fi isas hanga yoonaatti waajjira Poolisii keessatti hidhanii dararaa akka jiran ibsa.
Namoonni mana hidhaa aanichaa keessatti argaman irra jireessi isaanii namoota abbaa maatii yoo ta’an, waqtii silaa qonnaa isaanii qotatanii fi ooyiruu isaanii misoomsuun maatii isaanii jiraachisan kanatti mana hiraarsaa keessatti dararaa jirus jechuun himeera.
Itti dabaluun namoota tokko tokko ammoo maallaqa guddaa 10,0000 hanga hanga 30,000 irraa fuudhuun gadi lakkisaa jirus jechuun dabaluun ibseera.

