ONM-ABO Caamsaa 4, 2024
Caasaan sirna bilxiginnaa badiisa hawaasa Oromoof qindaa’anii hojjechaa jiran yeroo ammaa Oromiyaa guutuu keessatti: saamicha, hidhaa, manneen gubuu fi doorsisa raawwachuu hammeessuun hawaasni qe’ee isaa keessatti hiraarfama guddaa keessa seenee jira.
Haaluma kanaan Baha Shaggar aanaa Dugdaa magaalaa Maqii keessatti ergamtoonni maafi’aa PP namoota nagaa hidhanii maallaqa saamuu itti fufuun dargaggoo maqaan isaanii Badhaasoo Foollee fi Roobaa Gadaa jedhaman qabanii yeroo dheeraaf hiraarsaa kan jiran ta’uu fi maallaqa guddaa gaafachaa akka jiranis dubbatu.
Kaayyoon saamicha yeroo ammaa kana ilmaan Oromoo irratti sirna bilxiginnaan adeemaa jiruu sirnichi siyaas-dinagdeen kufee sadarkaa badii irratti kan argamuu fi maqaa hidhata WBO’n namoota saamanii of-bayyaannachiisuuf akka ta’e jiraattotni dubbatu.
Hidhamtoonni manneen hidhaa magaalaa Maqii keessatti hidhamanii jiran baay’inaan 150 ol ta’uun kan himamu yoo ta’u, namoota baay’inni isaanii 40 ta’an irraas maallaqa harkaa fudhanii gadhiisan.
Kaleessa Caamsaa 3, 2024 galgala sa’a 2:00’tti magaaluma Maqii ganda 01 iddoo addaa Mana Kuusaa Simbirroo gajjallaa bakka balfi itti gatamutti daa’imman umrii 16 gadii 2 kanneen eenyummaan isaanii hin beekamne waajjira poolisii aanaa Dugdaa keessaa baasuun akka ajjeesanii gatan jiraattonni ONM’tti himaniiru.
Oduma hidhaan Wal qabatuun Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Hara Marqaasaa jedhamu keessatti gaafa Ebla 16, 2024 maanguddootaa fi haawwan Oromoo maqaa WBO waliin walitti dhufeenya qabduutiin namoota maqaan isaanii obbo Jundii Qaasoo manguddoo waggaa 60, Qorichoo Qaasim abbaa maatii 7, Kamiilaa Boruu haadha maatii 10 fi Anishaa Katamaa haadha maatii 7, kanneen ta’an murtii seeraa malee mana adabaa sirnichaa keessatti gidirfamaa jiraachuu jiraattotni dabaluun ONM’tti himaniiru.

