Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Godina Walloo magaalaa Kamisee fi Aanaa Daawaa Caffaa keessatti milishoota gareen ijaaree WBO fakkeessuun galgala-galgala uummata nagaa akka ajjeesanii fi saamaniif bobbaasee jiraachuun saaxilame

ONM-ABO Sadaasa 18, 2024 

Akkuma uleen lugnaa dhibba jedhee Oromoon mammaaku, murni Bilxiginnaa Waraana Bilisummaa Oromoon ittiin balleessa jedhee meeshaalee gurguddaa kanneen akka taankii, moortera, Zu-23 fi dishqaa fayyadamuun gooticha WBO injifachuu dadhabee of booda deebi’uun humna qilleensaa nama maleeyyii (dirooniin) balleessuuf torbee tokko nu hin fudhatu jechuun holola biifaa ture, WBO’n lafoonis ta’e dirooniin baduu akka hin dandeenye gaafa baran yaaddoo jabaa keessa galuun jaarmiyaa ulfina qabeessa  ABO-WBO kana maqaa balleessuuf jecha gochoota fakkeessii adda addaa hojjechaa jiru.

Akka kanaanis Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee fi aanaa Daawaa Caffaa keessatti Sadaasa 1, 2024 irraa eegaluun murni Bilxiginnaa milishoota gareen ijaaree dukkana da’oo godhachuun galgala-galgala qe’ee hawaasaatti ba’anii nuti waraana Bilisummaa Oromooti qawwee fidaa, yoo qawwee hin qabdan ta’e gatii qawwee sanaa fiduu qabdu, qawwee fi qarshii qawwee sana yoo hin fidne ammoo lubbuu keessan dhabdu ittiin jechuun  doorsisa geggeessu.

Gocha kanaanis magaalaa Kamisee guutummaa fi aanaa Daawaa Caffaa magaalaa Qalloo, ganda Matohoroo, Qoree fi Migiraa dabalatee bakkoota hedduutti halkan qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun namootatti jireenya hadheessaa jiraachuun ibsameera. 

Akka jiraattotni aanaa Daawaa Caffaa dubbisne tokko tokko jedhanitti, milishoonni PP WBO maqaa balleessuuf gochoota dabaa uummata nagaa irratti akka raawwataniif murna Bilxiginnaan bobbaafaman kun Sadaasa 14, 2024 halkan keessaa  toora sa’a 9:00’tti ganda Matohorootti seenuun mana maanguddoo maqaan isaanii Obbo Mahaammad Yesuuf Abbadoo jedhamuu balbala isaanii caccabsanii seenuun kottuu gadi ba’i yookiin lubbuu kee dhabuuf jirta jedhanii doorsisaa  turan.

Booda maanguddoonni kunis sodaa lubbuu isaaniif jecha yeroo mana keessaa gadi itti ba’anitti qawwee fidi, yoo qawwee hin qabdu ta’e ammoo gatii qawwee nuuf kenni hin qabu jetta taanaan lubbuu kee dhabda jedhanii doorsisuun qawwee isaa erga nama kana harkaa fudhataniin booda qarshiis dafii fidi dinnaan maatii kee waliin si ajjeefna jedhanii sodaachisuun saamanii deemuu jiraattotni gandichaa dabaluun dubbatan.

Milishoonni sirnichaa kun halkanuma sana yeroodhuma wal fakkaataatti ganduma Matohoroo mana maanguddoo maqaan isaanii Obbo Mahaammad Siraaj jedhamuu balbala dirqiin bansiisanii qawwee isaanii jalaa fudhachuun reebicha ulfaataa irratti raawwatanii kan deeman ta’uu fi magaalaa Kamisee keessattis gochootuma wal fakkaataa akkasii dalagaa akka jiran jiraattotni himan.

Murni Bilxiginnaa WBO fi uummata Oromoo addaan baasuuf yaaliin inni hin taasifne hin jiru, kun nuuf haaraa miti gochi fokkisaan yeroo ammaa nu irratti raawwatamaa jiru hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin gareen ijaaramuun bobbaafamaniin akka ta’e bareechinee beekna kan jedhan jiraattotni, hololaa fi shirri kamuu PP’n adeemsifamus WBO gaachana sabaatiin adda nu baasuu hin danda’u kan jedhan jiraattota godina Wallooti.

Exit mobile version