Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni Bilxiginnaa Godina Walloo Aanaa Daawaa Caffaatti maqaa waraana Bilisummaa Oromoo balleessuuf shiftoota isaa qe’ee uummataatti bobbaasee gochoota safuu hawaasaa cabsan raawwachiisaa jira

ONM-ABO Amajjii 18, 2025 

Dandeettii ittiin Waraana Bilisummaa Oromoo dura dhaabbatee cabsee injifatu kan hin qabne murni Bilxiginnaa, jaarmiyaa guddichaa fi ulfina qabeessa ABO-WBO maqaa balleessuuf jecha yeroo gara yerootti hattoota isaa kumaatamaan qe’ee hawaasa Oromootti bobbaasuun gochoota safuu WBO hin ibsine kanneen akka gudeeddii, namoota ajjeesanii gatuu, ukkaamsanii maallaqa humnaa olii gaafachuu, oomisha namootaa ciranii mancaasuu fi loon jiraattotaa saamuu dabalatee tarkaanfilee hameenyaa uummata nagaa irratti raawwachaa jiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Daawaa Caffaa ganda Masrataa dabalatee gandoota aanichaa cufa keessatti murni faashistiin impaayera Itioophiyaa Amajjii 10, 2025 irraa eegaluun hanga guyyaa gabaasni kun qindaa’eetti hattoota isaa baay’inaan aanicha keessatti bobbaasuun galgala-galgala jiraattotaan nuti Waraana Bilisummaa Oromooti balbala banaa jechuun bansiisanii hawwan dirqiin gudeeduu, namoota hawaasni jaallatu ajjeesuu, namoota ukkaamsanii maallaqa guddaa gaafachuu, jimaa jiraattotaa cicciranii mancaasuu fi loon jiraattotaa saamanii ooffachaa akka jiran maddeen keenya aanaa Daawaa Caffaa ONM’tti himaniiru.

Jiraattotni aanaa Daawaa Caffaa Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise akka jedhanitti, gochi fokkisaa fi rifaasisaan yeroo ammaa hidhattoota koloneel Abiy Ahimed maqaa WBO balleessuuf bobbaaseen nu irratti raawwatamaa jiru Waraana Bilisummaa Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenye bareechinee beekna, garuu gochi kun qaama impaayerattii bulchina jedhuun nu irratti geggeeffamaa jira jennee dhugaa lafa jirtu yoo dubbanne ni reebamnas jedhan.

Kanaaf yeroo bulchitoonni sirnichaa ganama dhufanii qaama kamtu isin doorsisaa jira jedhan nuti immoo isaan ta’uu osoo beeknuu sodaa lubbuu keenyaaf jecha walii isaa hin beeknu halkan-halkan qofa argina jennee isaan of irraa deebisaa jirra jechuun haala akkaan ulfaataa keessa akka jiran dubbatan.

Namootni naannichaa iccitii Bilxiginnaan kana gootuuf yeroo dubbatan, diinatu dhufee nu rakkisa jechuun uummatni yoo iyyate nuti ammoo sababa kanaan hawaasa kaasnee waliin sakattaa goona jechuu fi waraana isaanii hawaasa keessa akka fedhanitti deemsisuuf fedha qabaachuu irraa akka diraamaa kana hojjechaa jiran ibsan.

Exit mobile version