ONM-ABO Mudde 9, 2023
Akka jiraattotni jedhanitti daldaltoota magaalaa Booraa keessaa kisalee fi Re’ee magaalaa kamiseetti daddabarsuun of jiraachisan irraa kaadirootni bilxiginnaa qarshii 3000-4000 mootummaaf kaffaluu qabdu jechuun humnaan harkaa saamaa jiraachuu maddeen himan.
Gochi kun magaalaa Kamisee keessatti hammaatee jiraachuu kan heeran maddeen namoota maallaqa jedhame kana kaffaluu hin dandeenyu, kanumaan ilmaan keenya jiraachifachaa jirra waan isiniif laannu hin qabnu jedhanis magaalicha akka hin seenneef Hidhattoota sirnichaan ittisaa jiraachuus ibsan.
Dabalataanis magaaluma kamisee keessatti murnootni bilxiginnaa warroota mana nyaataa qaban qarshii 70,000 hanga 100,000 kaffalchiisaa jiru jechuun maddeen Magaalaa Kamisee Arraata Biyyoolessa Oromiyaatii himan.
Warreen saamichaaf koloneel Abiy Ahimediin qindaa’an kun uummata nagaa saamuu hojii isaanii idilee taasifachuun egereen ummatichaa yaaddessaa ta’uus himan.

