Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaabinoota PP’n godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti daldaltoota dukkaanaa irratti saamichi yoo raawwatamu, sochii baajaajiis ugguran

ONM-ABO Fulbaana 29, 2024

Dinagdeen impaayerattii kufuu hoggaa baran kutaalee Oromiyaa cufa keessatti maqaa gosa kaffaltii adda addaa hawaasatti dha’uun gareen saamtotaa bilxiginnaan, afaan qawwee itti qabanii ilmaan Oromoo ofii fi maatii isaanii jiraachifachuuf jecha wantoota adda addaa daldalanii jiraatan saamicha daangaa hin qabne irratti raawwachuun harka duwwaatti hambisaa jiru.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti caasaaleen bilxiginnaa namoota dukkaanota qabanii fi wantoota garaagaraa kanneen akka uffata, kophee fi kanneen biroo daldaluun magaalicha keessa jiraatan saamaa jiraachuun barame. 

Fulbaana 2, 2024 irraa eegalee bifa adda ta’een gareen saamichaaf of ijaare loltootni bilxiginnaa daldaltoota, namoota huccuu hodhanii fi dukkaanota magaalaa Kamisee keessaa qabaniin maqaa gibira jedhuun ji’atti qarshii 1000-3000 kaffalchiisaa jiraachuu fi namoota huccuu hodhan irraa ammoo guyyaatti qarshii 200 harkaa saamaa akka jiran ibsameera.

Akka daldaltootni kun jedhanitti ergamtootni PP kun maqaa gibiraa nutti dha’uun isa saamaniin cinaatti maqaa qaraxaa fi gatii iddoo teessanii waa itti gururtan jedhuun qarshii kuma tokko tokko nu harkaa saamaa jiru, yoo  hin qabnu jenne ammoo ni reebamna, ni hidhamnas jedhaniiru.

Dabalataan magaalaa Kamisee keessatti ergamtootni fi waraanni faashistii PP waliin ta’uun,  bajaajii ilmaan Oromoo magaalota godinichaa keessa socho’aa turaniin meeshaa seeraan alaa feetuu fi heyyama hin qabdan maqaa jedhuun magaalaa Kamisee seenuu dhorkamaa kan jiran yoo ta’u, bajaajii ilmaan habashootaa kan Dassee fi Konbolchaa irraa dhufuun waggoota lamaaf magaalaa Kamisee keessa socho’aa turan murnoonni bilxiginnaa kun bajaajii isaanii seera qabeessa gochuun magaalicha keessa nagaan jiraachaa kan jiranii fi kan ilmaan Oromoo ammoo ugguramuun magaalaa qarqaratti ittifamaa akka jiru dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version