Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti ergamtoota bilxiginnaan marsaa 2’ffaaf hidhaa fi saamichi maqaa sakattaa jedhuun daldaltoota irratti raawwatamu jabaatee itti fufuun barame

ONM-ABO Onkoloolessa 2, 2024 

Uummanni Oromoo waggoota baay’eedhaaf humnaan impaayera Itiyoophiyaa keessatti dhiitamee afaan qawween geggeeffamaa akkuma ture, har’as sodaachifamee humna waraanaan of ijaaree bifaa fi maqaa jijjiirachuun kan as ba’e bilxiginnaan dararaan hangana hin jedhamne saamichi, hidhaan, ajjeechaa fi buqqaatiin irratti raawwatamaa jira.

Haaluma kanaan Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti lukkeelee Bilxiginnaan marsaa 2’ffaaf hidhaa fi saamichi maqaa sakattaa geggeessinaan jiraattota irratti raawwatamu daran jabaachuun barameera.

Guyyaa dheengaddaa jechuunis Wiixata darbe Fulbaana 30, 2024 magaalaa Kamisee ganda 02 keessatti  ergamtootni murna bilxiginnaa Wiixatni gabaa Sanyoo waan ta’eef maqaa sakattaa jedhuun magaalicha keessatti bobba’anii namoota dukkaanota qabanii fi wantoota adda addaa gabaatti baasuun gurguratan irra deemuun maqaa meeshaa heyyamamaa hin taane isin irratti agarre jechuun namoota hedduu reebichaa fi saamicha hamaa irraan ga’uun hidhaniiru. 

Namoonni hidhattoota murna bilxiginnaan reebichi fi saamichi irratti raawwatamuun hidhaman baay’ee yoo ta’an, isaan keessaa Obbo Mahaammad Haaji Bushuraa kan jedhaman dukkaana kan qaban keessatti argamu jedhu maddeen keenya. 

Akka maddeen magaalichaa jedhanitti, hidhattootni sirnichaa kun Obbo Mahaammad Haajii kan jedhaman kana dukkaana isaatti itti dhaquun kottuu gadi ba’i, saanjaa fi faaya Alaabaa Oromoo as keessatti argineerra ittiin jechuun reebaa erga turaniin booda dukkaana isaatti ol itti seenuun maallaqaa fi mi’oota mana keessa jiran hundumaa jalaa saamuun Obbo Mahaammadis hiriyoota isaa lama kan maqaan isaanii nu hin geenye waliin gabaa keessatti tumanii  hidhanii hiraarsaa akka turan barameera.

Magaalaa Kamisee kana keessatti gareen saamtotaa murna bilxiginnaa kun maqaa sakattaa jedhuun qe’ee hawaasaa fi bakka namoonni gabaa ba’anii waa gurguranitti humna waraanaan hawaasa sodaachisuun maqaa meeshaa seeraan alaa isin irratti agarre jedhuun namoota saamuu, reebuu hidhuu fi ukkaamsuun kan duraa caalaatti bifa adda ta’een jabaatee itti fufeera kan jedhan maddeen magaalichaa, waa daldalannee of jiraachisuu mitii nagaan baanee galuunuu magaalicha keessatti dhabamuun yaaddoo hamaa nutti uumeera jedhan.

Exit mobile version