Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murnoonni Bilxiginnaa Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti namoota dukkaana qaban maallaqa guddaa gaafatanii doorsisaa jiraachuun dhagaa’ame

ONM-ABO Hagayyaa 13, 2024

Imphaayerittiin kufaatii dinagdee hamaan yeroo muddamtee jirtutti murni  Bilxiginnaa ammoo turtii aangoo isaa dheereffachuuf jecha baay’ina namootaatti amanuun, umurii fi saalaan osoo adda hin fo’in namoota dirree waraanaatti guuruun, yeroo ammaa ammoo miindaa kaffaluu fi waan nyaachisu dhabee fuula isaa gara hawaasaatti deeffachuun namoota dukkaanaa fi wantoota garaagaraa gurguruun ilmaan isaanii jiraachifatan kaffaltii bifa adda addaa itti ramadee qarshii humnaa olii irraa saamaa jira.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamiseetti  caasaaleen murna faashistii PP maqaa adda addaa moggaafachuun keessattuu baatii Adoolessaa irraa eegaluuun bifa addaan kan jalqaban hanga Hagayya kanaattis itti  fufanii kan jiran yoo ta’u, gareen saamtotaa bilxiginnaan kun namoota dukkaana qaban tokko tokkoon isaanii irraa qarshii 6000-10,000 maqaa gibiraa fi nyaata waraanaa jedhuun jiraattota dirqiin kaffalchiisuu fi namoota hin qabnu jedhan ammoo hidhuun qarshii 5000-8000 irraa fudhanii hidhaa irraa gadi dhiisaa jiru jechuun jiraataan magaalichaa tokko ONM’tti himeera. 

Oduu reebichaan ammoo godinichuma magaalaa Harawaa keessatti kaleessa Hagayya 12, 2024 lukkee bilxiginnaa kan ta’e namni maqaan isaa Sayid Mohaammed jedhamu adda durummaan waraana sirnichaa waliin ta’uun dargaggoota Oromoo magaalicha keessatti argaman faayaalee Alaabaa Oromoo isin irratti argine jechuun gabaa keessatti uleen tumanii miidhuu jiraattotni himaniiru.

Exit mobile version