Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti dhiittaan mirgoota namoomaa jabaatee itti fufe

ONM-ABO Fulbaana 4, 2024

Waraana dirree irraa isaan lolu dheessanii hawaasa nagaatti roorrisuun kan beekaman mindeeffamtootni Koloneel Abiy Ahimediin guutuu Oromiyaa keessatti uummata Oromoo akka goolaniif bobbaafaman, tarkaanfii keessa deebii hin qabne WBO’n yeroo adda addaatti irratti fudhachaa jiruun, bifa haaloo ba’achuu fi abdii kutannaatiin qe’ee hawaasaa keessa naanna’uun uummata nagaa irratti saamichaa qabee hanga ajjeechaa fi buqqaatiitti  gochoota badii irratti raawwatan jabeessanii itti fufaniiru.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo aanaa Harxummaa Fursee keessatti Fulbaana 2, 2024 bakka addaa Mashooree jedhamutti WBO’n tarkaanfii guggubduu diinaa fi lukkeelee diinaa irratti fudhateen ergamtoota murna bilxiginnaa hedduu du’aa fi madoon kan adabe yoo ta’u,  kanumaan wal qabatee loltootni faashistii PP kun aarii fi rifaatuu guddaa qaban irraa kan ka’e qe’ee hawaasaa magaalaa Qiciicoo keessa olii fi gadi fiiguun namootuma argan cufa irrati dhukaasa banuu fi saamuun hidhaa akka turan dabaluun ibsaniiru. 

Akka jiraattota gandichaa irraa ONM qulqulleeffatetti magaalaa Qiciicootti  dargaggoon maqaan isaa Ahimed Aliyyuu jedhamu rasaasa ija hedduu irratti dhukaafameen miilla irra madaa’uu fi obboleessa isaa kan ta’an Obbo Yaasin Aliyyuu kan jedhamanis dhukaasa irratti banuun qabanii reebicha ulfaataa erga irraan ga’aniin booda obboleessa isaanii madaa’e Ahimed waliin akka hidhanii fi Ahimed rasaasa dha’ameen baay’ee waan miidhameef mana hidhaa irraa baafamuun hospitaala  Kamiseetti darbee yaalamaa akka jiru dabaluun dubbatan. 

Namni maqaan isaa tuqamuu hin barbaanne kun itti dabaluun akka jedhutti dargaggoon Ahimed nama siyaasa kam keessaa qooda hin qabne, Sa’ud Arabiyaa irraa reefuu kan gale ta’uu fi obboleessi isaa obbo Yaasin ammoo abbaa maatii akka ta’ee fi yeroo hedduu maqaa deggaraa WBO’ti, situ as fidee nu rukuchiisaa jira jedhuun hidhamaa fi reebamaa turuu isaanii himeera. 

Guyyaa kaleessaa Fulbaana 3, 2024 magaalaa Qiciicoo keessatti hidhattootni sirnichaa kun namoota hedduu qabuun isintu WBO nu rukuchiise maqaa jedhuun uleen cafaqaa ooyruu fi mana isaanii irraa qabuun hidhanii jiraachuun barameera.

Exit mobile version