ONM-ABO Waxabajjii 10, 2024
Egeree uummata Oromoof kan hin yaadne bilxiginnaan teessuma aangoo isaanii qofaaf yaaduun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti qonnaan bultoota qonnaa isaanii irraa dirqamaan qabuun torban tokkoo hanga lama spoortii xinnoo hojjechisuun meeshaa itti hidhanii bobbaasaa jiru.
Milishoota qonnaa irraa fuudhanii meeshaa itti hidhan kanas yeroo itti qaala’iinsi jireenyaa hawaasatti bitaa galee jiru kanatti milishootuma kanneeniif jecha hawaasa hafan irratti ammoo saamicha daangaa hin qabne maqaa isaaniin raawwachaa jiru.
Lixa Shaggar aanaa Jalduu gandoota akka Qarsaa, Kilbee, Sariitii Dhanquu fi Ilikee dabalatee gandoota aanichaa keessatti midhaanii KG 22 mana tokko tokkotti murteessuun saamuu isaanii jiraattotni gandoota kanneenii ONM’tti himan.
Sababa saamicha midhaanii kanaaf jecha namoota harka qalleeyyii hin qabnu jedhan irratti reebichi hamaa fi hidhaan raawwatamuu illee jiraattotni dabaluun ibsan.
Namoota hedduus haaloo itti qabachuun guyyoota muraasa booda itti deeb’uun ati deggaraa WBO’ti jechuun qabeenyaa inni manaa qabu lukkuullee osoo hin hambsin jalaa saamuu dabaluun ibsaniiru.

