Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Uummanni godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu hidhattoota sirnichaaf karaa hojii hojjetannu dhabne jedhu

ONM-ABO Caamsaa 31, 2024

Yeroo ammaa uummanni Oromoo miidhama hedduu waraanaa fi kaabinoota sirnichaan keessummeessaa kan jiru yoo ta’u, namoonni hedduunis yeroo itti qonnaa qotatanii callaa achirraa argataniin maatii isaanii ittiin guddifatanitti maqaa milishaa leenjituun namoonni abbaa warraa ta’an maatii isaanii irraa gara leenjii milishaa deemuun leenji’aa jiranii fi maatiin rakkoo guddoo keessa galanii jiraniidha.

Murni aangoo of harkaa qabutti humna waraanaa fayyadamuun uummata ajjeechaa jumlaa irratti raawwachuun maatii hedduu jireenya gadadoof saaxilaa jiru bilxiginnaan  egeree uummataaf yaadessaa ta’uus jiraattotni ibsu.

Akka ONM jiraattota aanaa Jalduu tokko tokko dubbisetti hidhattootni murna bilxiginnaa halkan halkan mana namaa jala buluun gandoota aanichaa hunda keessaa namoota dirqamaan qawwee of harkaa qabaniin doorsisuun gara leenjii milishootaatti oofaa turuu dubbatu. 

Itti dabaluunis gara laafinni sirnicha bira akka hin jirre kaasuun, haadha manaa deessee guyyaa shan hin guunnee fi namni bira hin jirre illee dirqamaan abbaa manaa biraa qabanii mooraa leenjii ergaa akka jiranii fi maatii hedduun akka aanaa sanaatti rakkoo ulfaataa keessa akka jiran ibsu.

Namoonni hedduun gara bosonaatti baqachaa akka jiranii fi yeroon kun waqtii qonnaa waan ta’eef akkaataa ittiin lafa isaanii qotatan dhabuun waqtiin qonnaa kun jala darbaa akka jiru dubbatan.

Namootni kunneen egeree isaanii fi ilmaan isaanii bara dhufutti beelaa fi gadadoon kan guutame ta’uu fi akkuma waliigalaatti uummanni aanichaa akkaataa itti lafa isaanii qotatan dhabuun yoo nan qotadha jedhanii sangaa lafa qonnaatti camadanis qawwee irratti dhukaasuun olii fi gadi ar’ianii akka qabaa jiranis ibsan.

Namoota leenjii didan ammoo WBO waliin jirtu kanaaf milishaa leenji’uu diddu jechuun namoota hedduu irraa qabeenya isaanii saamaa fi hidhaatti darbaa akka jiran dabaluun ibsaniiru. 

Exit mobile version