Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti uummata dirqamaan gara milishummaatti guuraa jiraachuu jiraattotni ibsu

ONM-ABO Waxabajjii 15, 2024

Duulli namoota gara milishaa fi raayyaa ittisa biyyaatti guuruu jabaatee kan itti fufee jiru ta’uu eeruun hawaasa irraa arganne ni mul’isa.  

Lixa Shaggaritti jiraataan aanaa Jalduu ganda Kilbee tokko rakkoon naannoo isaanii gama milishummaaf nama qabuu hamaa ta’uu dubbata.

Akka jiraataan maqaa isaa rakkoo nageenyaaf jecha akka hin dhagaa’amne barbaadu kun jedhetti ofii isaa qonnaan bulaa abbaa ijoollee torbaa ta’uu dubbachuun, gandi isaanii kunis kanaan dura nagaa ta’uu fi uummanni kan ofuma isaan jaalalaaf kabajaan nageenya isaa eeggachaa jiraatu ta’uu ibse.

Hidhattootni kunneen erga gandicha seenanii har’a guyyoota 15 lakkoofsisuu kaasuun erga gandicha dhufanii qabatanii asis hidhaa, gudeeddii, saamichaa fi ajjeechaa raawwachuu dubbata.

Gandicha seenanii guyyaa muraasa erga turaniin booda ammoo yeroo itti qonnaan bultootni oomisha isaanii bara dhufuu itti facaafatan waan ta’eef halkan halkan mana namootaa irra deemuun xinnaa guddaa osoo hin jenne namoota abbaa manaa qaban gara milishummaatti, kanneen dargaggoota ta’an ammoo gara leenjii raayyaa ittisa impaayerattiitti erguu itti fufan jedhe.

Yeroo ammaas haalli uummatichi keessa jiru daran yaadessaa fi gamsiisaa ta’uu himuun uummanni hedduun gara gammoojjiitti maatii isaanii dhiisanii baqachaa akka jiranii fi gariin ammoo biyya gad dhiisuun gara magaalaa fi fira isaanii iddoo biratti baqachaa jirus jedhe.

Ajjeechaa yeroo darbe Waxabajjii 9, 2024 barataa kutaa 8’ffaa Eebbisaa Tarruu irratti raawwatame akka fakkeenyaatti kaasuun haalli uummatichi keessa jiru hedduu yaaddessaa ta’uu himuun ofii isaatiillee gara gammoojjiitti baqatee akka jiru ONM’tti dubbateera.

Exit mobile version