Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Dandii fi Jalduu keessatti dargaggoonni sadii loltoota PP’n ajjeefaman

ONM-ABO Waxabajjii 25, 2024

Sirni dhiiga qulqulluu dhangaalaasuu akka injifannootti ilaallatu bilxiginnaan ol adeemtota ilmaan Oromoo yeroo ammaa qabata WBO waliin walitti dhufeenya qabduutiin koree ajjeechaa qondaaltonni olaanoo impaayerattii hundeessaniin duguuggaan sanyii raawwachaa jira.

Lafa deeman cufatti qe’ee Ilmaan Oromoo lafa boo’ichaa taasisuun guyyuu imimmaan haadha hiyyeessaa harcaasisaa kan oolan hidhattootni sirnichaa kunneen, gara laafina tokko malee ajaja itti kennameen lubbuu qaaliin akka baalaa harca’aa oola. 

Waxabajjii 22, 2024 dargaggoota sadii lama dhalootaan aanaa Jalduu fi tokko aanaa Dandii kan ta’an loltoota sirnichaan maqaa WBO’n yakkamuun ajjeefamuu jiraattotni gandichaa achirraa dubbisne ONM’tti himan.

Dargaggoonni ajjeefaman kunneenis Dajanee Bajii, dhalootaan aanaa Jalduu ganda Jawwee Bonii, Abarraa Sobboqaa aanuma Jalduu ganda Badhaas Qorichaa fi Dhaabii Tolinaa dhalootaan aanaa Dandii ganda Daannisa Shoonnoo kan ta’e ta’uu ibsan.

Akka jiraataan gandicha irraa dubbisne jedhetti loltootni kunneen aanaa Dandii magaalaa Gaalessaa fi ganda Daannisa Shoonnoo buufatanii jiran barii irra maqaa sakkatta’a WBO jedhuun lafa duwwaatti dhukaasa dhukaasaa gara ganda Jawwee Boniitti akka imalan himuun, akkuma gandicha ga’aniinis dargaggoota kanneeniin isin nu baqattan ergama WBO qabdu kanaaf of shakkitanii nu dheessitan jechuun dargaggoota lameen kana ganda Jawwee Bonii bakka addaa Garjeeda jedhamutti ajjeesanii akka bira darban ibsan.

Guyyuma sana ganda Badhaas Qorichaa keessattis abbaa maatii afurii Abarraa Sobboqaa manuma isaatti itti dhaqanii rasaasa itti roobsanii ajjeesuun maatii facaasuu dabaluun jiraataan kun ONM’f himeera.

Exit mobile version