Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti barataan tokko loltoota sirnichaan ajjeefame

ONM-ABO Waxabajjii 9, 2024

Tarsiimoo jabaa dargaggoota Oromoo lafa irraa balleessuu qabatanii loltoonni leenjii murna bilxiginnaa irraa fudhatanii hawaasa keessa bobbaafamanii jiran guyyuu lubbuu namootaa akka baalaa harcaasaa jiru.

Bara murna bilxiginnaa keessa dargaggoonni Oromoo lafa irraa duguugamaa kan jiran yoo ta’u, Waxabajji 7, 2024 Lixa Shaggar aanaa Jalduu ganda Kilbee jedhamu keessatti barataa kutaa 8’ffaa baratu tokko rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni gandichaa himan.

Dargaggoon ajjeefame kunis maqaan isaa Eebbisaa Tarruu Beekaa kan jedhamu yoo ta’u ganduma Kilbee keessatti maatii isaa hojii qonnaa gargaaruun   kutaa 8’ffaa isaa barachaa akka turellee jiraattotni himan.

Dargaggoon kunis balleessaa  qabaateef osoo hin taane ollaa mana maatii isaatti loltoonni safuu hin beekne kunneen dubartii tokko  gadi baasanii gocha gudeeddii irratti raawwachuuf yeroo jedhanitti   waanti kun sirrii miti ittiin jennaan, ati maal goota asii jechuun rasaasa itti dhukaasuun akka ajjeesanis ibsan.

Gandichuma keessatti maqaa nyaata milishaa jedhuun uummanni garmalee saamamaa akka jiranii fi gudeeddiin hawwan Oromoo irratti  daran hammaatee jiraachuus dabaluun Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru. 

Exit mobile version