ONM-ABO Caamsaa 20, 2024
Egeree uummata Oromoof yaaddeessaa kan ta’e bilxiginnaan ol adeemtota ilmaan Oromoo lafa hundatti irbaata rasaasaa gochaa kan jiru yoo ta’u, gariin ammoo dirqamaan funaanee leenjii waraanaatti ergaa jira.
Namoota quuqama saba isaanii qaban hawaasa keessaa funaanee ajjeesaa kan jiru sirnichi, namoota kaaniif ammoo fakkeenya ni ta’a isaan booda ni soodatu waa dubbachuu hin danda’an kanaaf akka barbaannetti dhiinnee bulchuu dandeenya jechuu isaaniif gochoonni isaan har’a raawwachaa jiran agarsiistuudha.
Irra deddeebiin ajjeechaa fi saamichi akkasumas dhiittaan mirgoota namummaa daangaa darbe keessatti kan raawwatamaa jiru Lixa Shaggar aanaa Jalduu keessatti akkuma baratame dargaggoon tokko loltoota sirnichi bobbaaseen ajjeefame.
Caamsaa 17, 2024 barataa maqaan isaa Dajanee Hirphaa jedhamu kan dhalootaan aanichuma ganda Dhaabii ta’e gabaaf gara magaalaa Shukutee deemnaan hidhattoota sirnichaan gabaa walakkaattii rasaasni itti roobsamuun ajjeefame.
Dargaggoon kun barataa kutaa 10 dargaggeessa umriin 18 kan ta’e yoo ta’u gandoota keessan keessa Waraana Bilisummaa Oromootu socho’a, odeessa fuudhuufii dhufte jechuun akka nama yakka hojjateetti rasaasa sirnichaan gabaa gidduutti akka ajjeefames himan.
Yeroo hedduu aanicha keessatti ajjeechaan daangaa hin qabne kan raawwatamaa jiruu fi namoonni danuun illee qabeenyaa isaaniin ala ta’uun bakkeetti faca’anii akka jiranis irra deddeebiin jiraattotni ONM’tti himaa turan.

