ONM-ABO Caamsaa 17, 2024
Gaagaa’ama hamaa uummata Oromoo qe’ee isaa irratti kaffalchiisaa kan jiru sirni abbaa irree aangoo impaayerattii harkatti qabatee jiru koree ajjeechaa qindeessuun hawaasatti bobbaasaniin uummanni nagaan lubbuu isaa dhabaa, qabeenyi isaa saamamaa fi gubachuun barbadaa’aa jira.
Dabni sirnichi ilmaan Oromoo irratti Oromoo of fakkeessuun raawwachaa jiru kan addunyaa kana irratti uummata kam irrattiyyuu hin raawwatamne yoo ta’u, har’a Oromoon siyaasa keessaa hin qabnetti lubbuu dhabaa jira.
Caamsaa 12, 2024 sirni ajjeechaa uummata Oromoof ciisee hin bulle Kibba Lixa Shaggar aanaa Daawoo ganda Qarsaa Boombii jedhamu keessatti abbaa ijoollee sadii kan maqaan isaa Hundeessaa Gizaw Raggaasaa jedhamu rasaasa sirnichaan ajjeefamuu jiraattotni ONM’tti himan.
Dargaggoon abbaa maatii sadii ajjeefame kunis du’a ga’ii namaa hawaasuma ollaa isaa waliin farda fe’atee erga dhaqee deeb’ieen booda hidhattootni sirnichaa bakka Roobii jedhamuun beekamutti farduma irratti rasaasaan rukutuun akka ajjeesan himan.
Dargaggoon kun nama sabboonaa fi yeroo TPLF keessa illee yeroo hedduu hidhamaa turee fi nama roorrifama saba isaa hin jaalanne ture. Hidhattootni kunneenis ejjennoo isaa waan beekaniif hawaasa nurratti kakaasa jechuun akka ajjeesanis barameera.
Bilxiginnaan namoota hawaasni dhaga’uu fi jala hiriiruu danda’an aangoo kiyyaaf yaaddeessoodha jechuun Oromiyaa bakkeewwan hedduutti adamsee ajjeesuu, manneen hidhaatti jumlaan naqee dararuu fi boodarra ammoo mana hidhaa baasee ajjeesaa jiraachuun kan beekamuudha.
Aanicha keessatti namoonni abbootii maatii dabalatee barattootni dirqamaan barumsa isaanii irraa adda waraanaatti guuramaa jiraachuus dabaluus ibsaniiru.

