ONM-ABO Caamsaa 16, 2023
Impaayerattii keessatti mirga abbaa biyyummaa isaa alagaan sarbamaa qabiyyee lafa abbaasaa fedhaan osoo hin taane afaan qawween saamamaa roorroon abbaa irree daran itti jabaattus ijibbaata falmachaa qawwee ilmaan habashootaa osoo hin sodaatin dachee abbaa isaa Oromiyaa irratti falma hadhaawaa geggeessaa baroota hedduu dabarsee har’a ga’us, uummanni Oromoo ammas sirna nama nyaataa bilxiginnaan kan maqaa Oromoo himatuun lafa isaa saamamaa qe’ee isaa irratti haala suukkanneessaan ajjeefamaa jira.
Namoota hiika siyaasaa mitii jireenya dhuunfaa isaaniif hiika ta’uu hin dandeenye maallaqaan bitee Oromoo irratti daguuggaa sanyii raawwachuuf qawwee itti hidhee goleewwan Oromiyaa keessatti bobbaasuun jireenya uummata nagaa mancaasisaa kan jiru sirni PP qonnaan bultoota Oromoo lafa ooyiruu isaatti lubbuu obbaasaa jira.
Haaluma kanaan Godina Lixa Harargee Aanaa xuulloo araddaa tarkaanfataa ganda waleensuu jedhamu keessatti milishaan PP maqaan isaa Muusiin Muusaa Giingee jedhamu nama maqaan isaa Yaasin Amadoo jedhamu abbaa ijoollee 5 kan ta’e ati shaneedha jechuun osoo inni ooyiruu isaa keessaa midhaan aramachaa jiru rasaasaan qoma isaa keessa rukutee ajjeesuu maddeen himaniiru.
Ajjeechaan kun kan raawwate torbee darbe yoo ta’u sababni ajjeechaa kanaas daangaa lafaa dabartee lafa qotte jechuun lafa namichi baroota dheeraaf irra jiraachaa irraa qotatee itti fayyadamaa akkasumas irratti waan hedduu dabarsee abbaa yeroo ta’uun badii tokko malee akka ajjeese dabaluun ibsaniiru.

