Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni faashistii PP abbaa daa’ima tokkoo dukkaana keessaa baasuun aanaa Haroo Limmuu keessatti ajjeessan

ONM-ABO Adoolessa 22, 2023

Waraanni impaayera Itoophiyaa fi barcuma Abiy Ahimed tiksuuf leenjii fudhatanii bobbaafaman lubbuu ilmaan Oromoo bineensaa gaditti lakkaa’uun rasaasaan ajjeessuu itti fufanii jiru.

Kaleessa Adoolessa 21, 2023 godina baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu magaalaa Haroo keessatti ganama toora sa’a 2:00tti waraanni garee kashalabbootaa kun nama nagaa lafa hojii isaa keessaa baasuun rasaasa itti roobsanii ajjeessan.

Namni waraana faashistii PP kanaan ajjeefame obbo Fufaa Habtee kan jedhamu yoo, badii tokko malee lafa hojii isaa dukkaana keessaa gadi waamuun akka ta’e barameera.

Obbo Fufaan abbaa daa’ima tokkoo fi nama nagaa tuttuqaa siyaasaa kam irraayyuu bilisa ta’uu kan ibsan maddeen, waraanni bilxiginnaa yakka tokko malee murtii mataa isaaniin ajjeessuu dubbatu.

Itoophiyaa keessatti lubbuun namootaa olaantummaa seeraa jala osoo hin taane afaan qawwee jala erga ta’ee waggoota shan kan lakkoofsise yoo ta’u, tarkaanfiin waraanni bilxiginnaa Abiy Ahimediin aangoo irra tursuuf lubbuu namootaa irratti fudhatan guyyaa gara guyyaatti dabaluun isaa uummata yaaddessaa akka jiru ni beekama.

Exit mobile version