ONM-ABO Mudde 15, 2023
Ajjeechaan qe’ee Oromoo keessatti waraana faashistii PPn raawwatu itti fufuun maatiin baay’een gaddaan rukutamaa fi daa’imman hedduun guddistoota malee akkasumas barnootni fi daldalli dargaggootaa karaatti akka dhaabbatu taasifamaa jira.
Haala kanaanis godina baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Abootee Dhidheessaa keessatti torbee darbe Muddee 7, 2023 nama waggaa 50 obbo Hunatuu Gaarii jedhamu osoo inni lafa hojii isaatii galuu daandii gubbaatti qabanii reebuun baajaajii keessa buusanii buufata waraanaa naannoo warshaa sukkaaraa Dhidheessaatti geessan.
Milishoonni sadii ta’uun obbo Hunatuu abbaa ijoollee afurii qabanii mooraa geeffatan kun halkan erga tumaniin booda rasaasaan rukuchuun ajjeesan.
Waajjirri poolisii aanichaa Jimaata Mudde 8 magaalaa Arjoo irraa konkolaataan dhaquun ijoollee obbo Hunatuu keessaa tokko qabuun reeffa waliin waajjira poolisiitti deebi’anii abbaan kiyya muka irraa kufee du’e malee waraana bilxiginnaan miti jedhii mallatteessi, yoo hin mallatteessine atis ni duuta jechuun doorsisanii mallatteessisuun reeffa fudhatee akka galu taasisan.
Milishoonni waraana faashistii PP waliin ta’uun obbo Hunatuu qabanii reebuun ajjeesan Galataa Baashaa, Ifaa fi Tolasaa Baay’isaa ta’uun barameera.
Godinichuma aanaa Haroo Limmuu fi Limmuu gidduu iddoo Dingar jedhamtu bakka daa’imman loon tiksitutti loltootni PP boombii buusanii deemaniin daa’imman fuudhanii ittiin taphachaa osoo jiranii dho’een daa’imman 3 battalatti yoo du’an, tokko madaa’ee hospitaala kan gale yoo ta’u, daa’iimman kun cufti kan obbo Mokonnin Waaqwayyaa jedhamanii ta’uun barameera.

