Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ergamtoonnii fi loltoonni Abiy Ahimed Godina Baha Wallaggaa Aanaa Jimmaa Arjoo keessatti jiraattota nagaa saamuu fi achii butee dhabamsisuu cimsanii itti fufan

ONM-ABO Caamsaa 16, 2025 

Godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Waayyuu Saqaa keessatti Caamsaa 10, 2025 nama maqaan isaa; Obbo Tamasgeen Mirreessaa jedhamu jalaa loon 3 erga saamanii booda isa  ammoo mana jireenyaa isaatii qabanii deemuun hanga gabaasni kun qinda’eetti achi buuteen isaanii dhabamuu maddeen ONM’tti himaniiru. 

Dhabamuu Obbo Tamasgeen boodas maatiin barbaacha isaaniif haalota addaa addaa kan taasisan ta’us, loltoonni aantummaa sabaa hin qabne kunneen dhiittaa mirga namoomaa bakkicha irratti raawwachaa jiraniin tarii ni ajjeesanii yaadni jedhu maatii fi firoottan isaanii yaachisuun himameera.

Ergamtootni Bilxiginnaa shiftummaa isaanii agarsiisuun  dirree nagaa irra akka namoonni hin jiraanneef guyyuu miidhaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u, maqaa hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabdu jedhuun dargaggootaa fi daa’imman ukkaamsanii dhabamsiisuun cinatti, saamichaa fi ajjeechaa aanicha keessatti raawwachaa jiraniin qe’een uummata bal’aa golgolaa’ee jira.

Exit mobile version