ONM -ABO Muddee 16, 2023
Murni qarqara kufaatii irra ga’ee fi uummata bulchaa jiru qofaan osoo hin taane qondaaltota isaan jibbamaa jiru bilxiginnaan gochoota farra mirgoota dhala namaa ilmaan Oromoo irratti hojjechuu jabeessee jira.
Akka kanaanis dheengadda Muddee 14, 2023 godina Baha Wallaggaa aanaa Jimmaa Arjoo ganda Badhaasa Dhidheessaa keessatti nama nagaa obbo Mitikkuu Fayisaa jedhamu badii tokko malee daandii gubbaa irratti ganama toora 4:00tti qabuun reebanii baajajii keessa buufachuun gara mooraa waraanaa warshaa sukkaara Dhidheessaatti geessuun dabalataan achi keessatti uffata irraa baasuun reeban.
Obbo Mitikkuun nama umrii 35 abbaa ijoollee 3 yoo ta’u, erga reebichaan of wallaalee ambulaansii keessa kaa’uun guyyuma sana toora sa’a 7:00tti gara buufata poolisii aanichaatti geessina jedhanii fuudhanii deemanis hanga gabaasni kun qindaa’etti lafti isaan geessan hin baramin jira.
Aanuma Jimmaa Arjoo kana keessatti ajjeechaa fi hidhaa raawwachaa jiraniin alattis dargaggoota adamsanii qabuun gara leenjii waraanummaatti erguuf qopheessaa jiru.
Dargaggootni buufata poolisii aanichaatti fedha isaanii malee waraana taatuun qabamanii uggura jala jiran 28 yoo ta’u, ganda Badhaasa Dhidheessaa keessaa dargaggoota 16 qopheessanii jiraachuu fi manaa mana irraa deemuun dargaggoota sakatta’aa jiraachuu maddeen himuun, gocha ta’aa jiru taatee bara bulchiinsa waraanaa Dargii waliin wal bira qabanii jiraattotni hadheeffatanii balaaleffachaa jiraachuu dabaluun ibsaniiru.

