ONM-ABO Ebla 22, 2024
Ajjeechaa uummata Oromoo irratti raawwatan murni bilxiginnaa aadaa godhachuun guyyuu dhiiga namoota qulqulluu dhangalaasaa oolu.
Guyyaa dheengaddaa Ebla 20, 2024 hidhattootni godina Lixa Shaggar aanaa Ejersa Lafoo ganda Buufaa Addisuu keessa qubatanii jiran gara aanaa Jalduu ganda Qoricha Dheeraa keessatti bobba’uun dargaggoota lama kanneen maqaan isaanii Abbabaa Katamaa Jamboolaa fi Dajanee Abarraa Laayyoo jedhaman qe’ee maatii isaaniitii qabuun reebicha irratti raawwachaa gara magaalaa Bonii geessuun akka ajjeesanii bakkeetti gatan jiraattotni himan.
Dargaggoonni ajjeefaman kunneen maqaa WBO waliin hariiroo qabda jedhamuun haa ajjeefaman malee, maatii qonnaan bultootaa irraa dhalachuu fi hojiima qonnaan kan ofii fi maatii isaanii jiraachisan ta’uu fi siyaasa irraa bilisa ta’uu ibsan.
Akkasumas gandicha keessatti dubartii ganna 60 aadde Xajjituu Urgeesaaa fi obbo Baayisaa Warqinaa irratti reebicha hamaa raawwatameen du’aa fi jireenya gidduutti akka argamanis himaniiru.

