ONM-ABO Mudde 9, 2023
Murni abbootii Gadaa Karrayyuu jumlaan bakka tokkotti ajjeesee gariin mana hidhaa galchuun achi buutee dhabamsiise, ammas irra deebiin Harargee lixaa aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa keessatti jumlaan fixuuf dhaqanii mijachuu fi didnaan akka itti dhaadatanii deeman himu.
Guyyaan isaa gaafa Sanbataa Muddee 3, 2023 yoo ta’u abbootii Gadaa dabalatee namoonni baay’inni isaanii 40 ol ta’aan sirna Gadaa irratti akkamiin akka sirna Gadaa naannoo keenyatti gadi bu’ee jiru deebisnee ijaaruun danda’amu irratti mari’achaa turuu hirmaattonni kun dubbatu.
Akka hirmaattonni kun jedhanitti hidhattootni sirnichaa kunneen osoo nuti marii irra jirruu baayinaan gara keenyatti dhufuun maal hojjechaa jirtu? wayita nuun jedhanittis nus akkuma isaan nu gaafataniin waan goonu itti himne jedhu.
Kanumarraa ka’uun koottaa gara waajjira poolisii deemna jechuun nutti marsan jedhu,nus lakkii yakki nuti dalagne hin jiru wantii waajjira poolisii nu oofus hin jiru yeroo jennuun nutti dhaadatanii deeman jedhu.
Kaayyoon isaaniis siyaasaan walitti hidhanii nu ajjeesuuf ture kan jedhan hirmaattonni marii kun, uummannis baayinaan gadi ba’ee waan tureef baayina uummata arganii nuu dhiisan jedhu.
Dhuma irrattis bakka tokkotti kana booda akka walitti hin qabamne walitti qabamtanii jennaan rasaasaan bakka tokkotti dhumtu nuun jedhan jechuun, siyaasaaf amantiin walitti hin hidhatu jechaa afaaniin keessoon garuu dhimma amantii fi aadaa ofii guddisuu irratti dhiibbaa nu irratti taasisaa jirus jedhaniiru.

