Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Murni bilxiginnaa Harargee lixaa keessatti namoota amantiin walitti buusuuf shira xaxaa jiraachuun beekame

ONM- ABO Muddee 11, 2023

Akka jiraattotni Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanitti Muddee 10, 2023 Godina Harargee lixaa aanaa  Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa ganda 02 keessatti bilxiginnaan amantaan uummata walitti kakaasuuf shira xaxaa jiraachuu ibsan.

Gaafa jimaataa Muddee 7, 2023 mana amantaa Musiliimaa ganda 02 keessatti abbootiin amantaa Musiliimaa konkolaataa walitti qabannee gara aanaa Daroo Labuu magaalaa Gaduuloo deemuu qabna jedhanii uummata kakaasaa kan jiran yoo ta’u, sababni isaas nama  Aliyyii Abdii jedhamutti duulu qabna, isatu waaqeffattoota as qubsiisee waldaa achitti ijaaree waan ta’eef nutis dura dhaabbannee balleessuu qabna jechuun abbootiin amantaa uummata kakaasaa turan jedhu.

Abbootin amantaa Kunneen gochaa Kana Hojjataa kan jiran Kaabinota magaalaa aanaa irraa amma godinaa jiran waliin ta’uun hojjachaa akka jiranis dabaluun dubbatu. 

Dabaluun akka jiraattotni kun jedhanitti jaarraan Oromoon amantiin wal qooduun jaarraa kanaa miti, kanaaf uummanni keenya shira mootummaan ittiin bu’aa siyaasa isaa daldalachuuf jecha hojjechaa akka jiru beektanii yeroo Oromoon tokkummaa isaa itti jabeeffatu malee amantiin wal lolu akka hin taane hubachuu qabdus jedhaniiru.

Gaafa Sanbataa Muddee 3, 2023 abbootii Gadaa dabalatee namoonni baay’inni isaanii 40 ol ta’aan kanneen akkamiin  sirna Gadaa naannoo keenyatti gadi bu’ee jiru deebisuun danda’aama jechuun mari’achaa turan irratti yaaliin ajjeechaa loltoota PPn raawwatamuu gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version