ONM-ABO Mudde, 2023
Waraanni faashistii PP Sadaasa 24, 2023 hawaasaa Oromoo amantaan isaanii kiristaana ta’e namoota 12 erga ajjeeseen booda daballootni sirna PP uummata keessa deemuun hawaasa amantaa Musiliimaa fi Kiristaanaa walitti buusuuf carraaqaa akka turan jiraattotni himan.
Hawaasaa Oromoo walitti buusuu kan dadhaban daballootni bilxiginnaa Sadaasa 28 hawaasa Oromoo amantaan isaanii Musiliimaa ta’aan namoota 6 kan abbaan amantaa tokko maqaan isaa Sheek Awwal Muhaammad jedhamu keessa jiru ajjeesuun akka uummanni amantaan walitti bu’uuf lubbuu qulqulluutti dhimma bahaa jiraachuun barameera.
Gocha badii murni bilxiginnaa hojjete kana uummatni balaaleffachuun ajandaa ololaa isaanii harkatti kuffisnaan yeroo ammaa kana ammoo Waraana Bilisummaa Oromootu ajjeechaa kana raawwate jechuun uummata amansiisuuf yaalii gochaa jiru.
Haa ta’u malee adeemsi caasaan bilxiginnaa shira siyaasaa taphachuuf adeemsisaa jiru kun irratti baramuun, hawaasni gocha kana kan raawwatan milishoota gaachana sirnaa, poolisootaa fi qaamolee nageenyaa taayitaa bilxiginnaa dheeressuuf hojjetan ta’uu irratti bareera.
Hawaasni shira bilxiginnaa kana baruun amantiin akka walitti hin buune wal hubachiisanii warreen tokkummaa Oromoo hin feenee fi jeequmsa dhalchuun gadaa aangoo isaanii dheereffachuu barbaadan irratti tokkummaan qabsaa’uu qabna jechuun dhaamsa waliif dabarsaniiru.

