ONM-ABO Gurraandhala 7, 2025
Mootonni abbaa irree Impaayera Itiyoophiyaa koloneeffachuun, wal harkaa fuudhanii bulchaa turan, dabaree itti dhufanii impaayerattii bulchaa turan keessatti uummata Oromoo dirqiidhaan ukkaamsanii gara mooraa waraanaatti guuruudhaan ilmaan Oromoo kumaatamaan dirree waraanaa irratti lubbuu isaanii galafachiisuun, yeroof turtii barcuma aangoo siyaasaa isaanii ittiin gaggeeffachaa turan har’as jabeessanii jiraachuun kan yaadatamuudha.
Haaluma kanaan godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo ganda Calliyaa keessatti hidhattoonni maafiyaa PP Guraandhala 5, 2025, uummata gabaa isaa gaggeefachaa jiru itti marsuudhaan akka namni tokkollee keessa hin baanetti ukkaamsuun uummata gabaa guutuu konkolaataa OBAMA lamatti fe’uudhaan gara mooraa waraanaatti dirqisiisanii fe’anii jiru.
Godinuma kana keessaaa aanaa Jaarsoo Gabaa Dafinoo ganda Abboonnoo Diillaa keessatti hidhattoonni kunneen Guraandhala 5, 2025, haaluma kanaan uummata gabaa isaa gaggeffatee jiraatu guutummaatti ukkaamsuun konkolaataa lamatti fe’uudhaan gara mooraa waraanatti fe’anii jiru.
Aanonni kanneen biroonis taatee kana akka keessummeessaa jirantu himamaa jira.
Oduu biraatiin ammoo Lixuma Wallaggaa aanaa Baabboo Gambeel Bulchiinsa Magalaa Baabboo Gambeel ganda 02 keessatti kaadiroonni Bilxiginnaa lafa mana Amantaa Muslimaa fi Amantaa Ortodoksii bakka tokko kennuufiin wal lolchisaa jiraachuun beekameera.
Itti dabaluun rakkoo bulchaan bulchiinsa Magaalaa Baabboo Gambeel uume kana kan addeessan jiraattonni naannoo mana barumsa sadarkaa 2’ffaatti lafa bashannanaa dargaggootaa, amantoota Ortodoksiif yoo kennuu, bakkuma sana amantoota Musiiliimaaf deebisee kennan lamaan isaaniyyuu Sanbata dhuftu irratti sagantaa waan qabaniif lafjalee qophaa’uuf yeroo deeman irratti wal lolaa akka turan ibsameera.
Humni waraana Bilxiginnaas laficha sababa wal dhabdee isaaniif namoota hedduu qabanii dhaana kan turan oggaa ta’u, akka Abbootiin Amantaa gama lameenii Arraata Biyyooleessa Oromiyaatti himanitti murni Bilxiginnaa walitti bu’iinsa gidduu keenyatti uumee wal nu lolchiisuuf shira xaxaa jira jechuun himan.

