Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Aanaa Gullisoo keesaatti waraanni garboomfataa Bilxiginnaa konkolaataan Buna uummataa saamaa jiraachuu barame

ONM-ABO Muddee 17, 2025 

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Gullisoo keessatti waraanni impaayerattii namoota buna funaanaan isin deggertota Waraana Bilisummaa Oromootii fi hidhata waliin qabdu jechuun buna isaanii konkolaataatti jalaa fe’atanii gara mooraa isaanitti kan galchatanii jiru.

Namootni qabeenyi isaanii jala saamame keesaa muraasni maqaan nu ga’e:

  1. Obbo Ifreem Lammeessaa,
  2. Obbo Addunyaa,
  3. Obbo Bayyanee fi 

kanneen biroo jalaa badii tokko malee qabeenya isaanii fuudhanii dhorkachuun gara dantaa dhuunfaa isaanitti naannefataniiru.

Saba irraa dhalataniif naasuu tokko kan hin qabne ergamtoonni aangoo nam-tokkee utubuuf ifaajan humna isaanitti amananii qabeenya uummata nagaa jalaa saamuun namni jireenya gadadoo akka jiraatu gochuun dararaa hammana hin jedhamne raawwachaa jiraachuu kan mul’atuudha. 

Gochuma kanaan kan wal qabatu namoota yeroo sana buna funaanaa jiran irratti kaffaltii gibraa jechuun nama tokkorraa qarshii 10,000 dirqiin guuraa akka turan jiraattonni itti dabaluun dubbatu.

Kufaatii diinagdee isa mudaterra of baraaruuf jecha fakkaattota isaa Oromiyaa keessa bobbaasuun gochawwan jireenya hawaasaa balaaf saaxilan raawwachuun Bilxiginnaaf aadaa hojii ta’ee jira.  

Exit mobile version