Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo fi Baabboo Gambeel keessatti maatiin qabsaa’otaa murna faashistii PP’n saamamaa jiraachuun himame

ONM-ABO Bitootessa 20, 2024

Saamichi daangaa hin qabne Oromiyaa keessatti geggeefamuu kan eegale haa bubbulu iyyuu malee, bara bulchiinsa abbaa irree Koloneel Abiy Ahimed keessa ammoo daran jabaatee jira.

Bifuma kanaanis godina lixa Wallaggaa aanaa Jaarsoo ganda Ada’aa Gorbaa jedhamu keessatti Bitootessa 16,2024 waraanni magaalaa Jaarsoo irraa gara gandichaatti sochii taasisan mana maatii qabsaa’otaa deemuun Sangaa qarshii 31,000’tti tilmaamamu tokkoo fi buna Kuntaala 21 saamuun himame.

Namootni saamaman kunneen maqaan isaanii obbo Takilee Gaarii sangaa tokko, obbo Indaaluu Likkaasaa buna Kuntaala 16, madaala bunaa tokkoo fi nama maqaan isaa nun geenye tokko jalaa ammoo bunni kuntaalli 5 akka saamame ONM odeeffateera.

Oduuma saamichaan wal-qabatuunis aanaa Baabboo Gambeel ganda Qa’oo jedhamuu obbo Toomaas Maarqo jalaa boqolloo kuntaala 50, Aboomaa Aangoos jalaa Kuntaala 23 fi qarshii 60,000, obbo Maatiwoos Mangashaa jalaa buna Kuntaala 31 jalaa saamuun qe’ee isaanii onaattii hambisuu jiraattotni onichaa ONM’tti himaniiru.

Exit mobile version