ONM- ABO Amajjii 10, 2024
Uummanni Oromoo safuu fi duudhaa isaatiin gaanfa Afrikaa fi guutuu addunyaatti naamusaa fi sirna gaarii gumaachuun beekumsaan duroomee seenaan isaa biyyoota garagaraatiin kan dubbatamu,jabinaa fi cichoominni sabichaa mufii kan itti ta’u bulchitoota Impaayera Itoophiyaa biratti,Kufaatii siyaas-dinagdeen sabicha dadhabsiisuuf gudeeddii, saamichaa, hidhaa fi ajjeechaa irratti geggeesuun jabaatee jira.
Akkuma kanaanis Amajjii 3, 2024 godina lixa Harargee magaalaa Baddeessaa keessa Kan jiraattuu haadha ilmaanii kan taate kan maqaan ishee Nabiyaa Bushraa jedhamtu irratti gudeeddaan Kara waraana maafi’aa PPn irratti akka raawwatame jiraattotni magaalaa Baddeessaa ONMtti himaniiru.
Haadhi gudeeddiin irratti karaa waraana sirna kanaa raawwatame kun yeroo ammaa buufata fayyaa magaalaa Cirootti yaalamaa Kan jirtuu fi haalli fayyummaa ishee sadarkaa yaaddessaa irra akka jirus dabaluun dubbatu.
Haalli jiraattotni magaalaa Baddeessaa yeroo ammaa Keessa jiran yaaddoo jireenyaa ulfaataa ta’e akka jiru kan himamu,namnuu ba’ee nagaan galuu osoo qabu ergamtoota sirna bilxiginnaatiin hordoffiin irratti taasisfamee hidhaa fi saamichi maqaa WBO waliin hariiroo qabduun, gocha kijibaan dararaa hammeessaa akka jirantu himama.

