Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Harargee lixaa bulchiinsa magaalaa Baddeessaa keessatti kaabinoonni aanichaa maree dhoksaa ta’aaniin akkaataa itti miseensota waraana bilisummaa Oromoo magaalicha keessaa qulqulleessuun danda’aamu irratti mari’achaa turuun saaxilame 

ONM-ABO Onkoloolessa 9, 2023

Kaabinootaa fi waraana sirnichaaf maqaan Waraana Bilisummaa Oromoo yeroo ammaa madda galii ta’uun, maqicha of fuuldura qabanii namoota haaloo irraa qaban ajjeesuu, saamuu fi hidhuun tooftaa isaanii isa baratamaadha.

Haaluma kanaan bifa haaraan namoota irratti saamicha geggeessuuf qophii irra kan jiran kaabinoonnii fi waraanni garee Abiy Ahimediin durfaman, Harargee lixaa magaalaa Baddeessaa keessatti walga’ii dhoksaa ta’aaniin miseensota waraana bilisummaa Oromoo magaalaa kana keessaa qulqulleessuu qabna,  akkasumas qabeenya isaanii irratti tarkaanfiin fudhatamuu qaba jechuun mari’achaa turuu hirmaataan walga’ichaa tokko saaxileera.

Kaayyoon kaabinootaa fi waraana sirnichaa kunis maqaa sakattaa WBO da’oo godhachuun namoota nagaa irratti saamicha geggeessuu akka ta’e kan dubbate hirmaataan walga’ichaa, jiraattotni akkasumas sabboontotni ilmaan Oromoo magaalichaa of eeggannoo akka godhanis himeera.

Yeroo hedduu Oromiyaa keessatti maqaa sakkattaa kanaan ilmaan Oromoo hedduun ajjeefamuu, hidhamuu, qabeenyi saamamuu fi gubachuun kan irratti raawwatamaa jiruu fi  yeroo ammaa ammoo daran hammaachaa jiraachuu yeroo hedduu irra deddeebiin gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.

Exit mobile version