ONM-ABO Waxabajji 27, 2023
Yeroo hedduu kaabinoonni sadarkaa olii hanga gadiitti jiran akkaataa itti Waraana Bilisummaa Oromoo irratti tarkaanfii fudhatanii fi balleessuun danda’aamu irratti tooftaa dha’aa turuun isaanii ni yaadatama.
Haaluma kanaan lixa Shaggar aanaa Cobii magaalaa Cobii keessatti kaabinoonni aanichaa maree haala nageenyi sirnichaa aanaa isaanii keessatti ittiin tikfamuu maluu fi akkaataa itti Waraana Bilisummaa Oromoo irratti tarkaanfiin fudhatamee dhabamsiisuun danda’aamu irratti, guyyoota torbaaf marii bal’aa adeemsisaa turuu hirmaataan walga’ichaa tokko Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti hime.
Maree isaanii keessattis Waraana Bilisummaa Oromoo balleesuuf, odeeffannoo magaalaa hanga baadiyaatti jiru hawaasa waliin quunnamtii tolchuun jabeeffachuu, hawaasa ykn deggaraa isaanii fakkaatanii bilbilaan itti dhihaachuun eessa akka jiranii fi bulan qorachuu, namoota isaaniif amanamoo ta’aan leenjisanii isaaniitti makuu fi naannoo Waraanni Bilisummaa Oromoo socho’utti hawaasa fakkeessanii odeeffannoo akka funaanan gochuu irratti hojjechuu akka qabanii fi haala kanaan yoo deemames salphumatti milkaa’uun akka danda’amu waliif galuun maree isaanii xumuruus hirmaatichi maree isaanii saaxileera.

