Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti kaabinoonni sirnichaa akkaataa itti Waraana Bilisummaa Oromoo irratti tarkaanfiin fudhatamu qabu irratti mari’achaa turuun beekame  

ONM-ABO Onkoloolessa 3, 2023

Yeroo hedduu kaabinoonni murna bilxiginnaa sadarkaa olii hanga gadiitti jiran akkaataa itti Waraana Bilisummaa Oromoo balleessan irratti yeroo dheeraaf mari’achaa kan turan yoo ta’u, ammas guyyuma guyyaan karoora baasuun maree isaanii itti fufanii jiru.

Haaluma kanaan kaabinoonni fi waraanni sirnichaa lixa Shaggar aanaa Cobii keessatti maree guyyaa har’aa ta’aaniin hojjattoota isaaniin hedduu keessan waliin wal beekna odeessa isaaniif kennaa jirtu, arraba keessan dhoowwadhaa ykn waan biraatu isinitti dhalata, akka kanaan duraa wal bira darbuun hin jiru kana booda wal saaxilaa deemna jechuun wal akeekkachiisaa turan jechuun hirmaataan maricharra ture tokko ONMtti hime.

Itti aansuun lola ijibbaataa lafoo fi qilleensarraan gaggeessinee Waraana aanaa kana keessa socho’u balleessuu qabna, akkasumas caasaa hawaasa keessa diriirfachuu qabna, haala kanaan yoo deemne salphumatti itti milkaa’u dandeenya jechuun Itti gaafatamaan dhimma nageenyaa aanaa Gaaddisaa Calqabaa jedhamuu fi itti gaafatamaan waajjira PP Warquu jedhamuun geggeeffamaa akka ooles ibseera.

dabalataanis hojiiwwan aanaa kana keessatti hojjetamu hunda babaldhisuuf fuula Facebook kan waajjira koominikeeshinii aanaa Cobii jedhu like , comment, fi share gochuun akka uummata bira ga’uuf dhiibbaa gochuu qabdus jechuunis himame.

Akka hirmaataan kun jedhettis waraanni Bilisummaa Oromoo naannicha keessa socho’an of eeggannoo akka godhanii fi namoota tokko tokko leenjisanii nama  sabboonummaa qabu fakkeessuun akka hawaasa keessa deemee odeeffannoo kennuuf irratti illee hojjachaa akka jiranii fi uummatni Oromoo fi waraanni Bilisummaa Oromoo namoota fuula haara arginaan akka qorannoo irratti geggeessaniis jechuun dhaamsa isaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himeera.

Exit mobile version