Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Harargee Aanaa Odaa Bultumitti gatiin geejibaa dabaluu fi saamichi jaleewwan Bilxiginnaan jiraattota irratti raawwatamu jabaatee itti fufe

ONM-ABO Waxabajjii 13, 2025 

Ergamtoonni Bilxiginnaa dinagdeen isaanii dadhabuu of irratti baruun, hoggaa biyyoonni alaa deggersa duraan impaayerattiif gochaa turan irraa dhaaban dinagdee hawaasa Oromoo quucarsuuf gama isaaniif mijate maraan saamicha geggeessanii rakkoo dinagdee impaayerattii mudate furuu fi dantaa dhuunfaa isaanii irra oolfachuuf tattaafataa jiraniin gatii tajaajila hawaasaa deggeruu dhiisuun hawaasni gatii qaaliin akka fayyadamu gochaa jiru. 

Aanaa Odaa Bultum magaalaa Baddeessaa fi Shunqoo jedhamu gidduutti abbootiin qabeenyaa lukkeelee Bilxiginnaa waliin ta’uun torban darbe keessa gatii geejibaa dabaluu irraa kan ka’e hawaasni rakkoo hamaa keessa kan jiran ta’uu jiraattonni himanii jiru.

Jiraataan magaalaa Baddeessaa tokko akka jedhutti, ‘torban darbe keessa ergamtoonni Bilxiginnaa fi konkolaachistoonni waliin ta’uun gatii geejjibaa nutti dabalan. Magaalaa Baddeessaa fi Shunqoo gidduu qarshii 500 kaffallee deemaa jirra. Hanga ammaatti qaamni furmaata nuuf ta’e hin jiru” jechuun miira aariin dubbata.

Aanaadhuma kana araddaa 34 bakka Bosoosoo jedhamu irraa ergamtoonni Bilxiginnaa faayidaa dhuunfaa isaanii qofaaf hawaasa irratti bobba’an maqaa “waajjira gandaa ijaarra” jedhuun tokko tokkoon jiraattotaa irraa qarshii 1,500 guuraa jiraachuun dabalataan ibsameera. 

Yeroo darbe maqaa waajjira gandaa ijaarra jedhuun qarshiin 1,000 irraa guuramuu kan himan jiraattonni, ergamtoonni dantaa saba irraa dhalatanii hin qabne nagahee malee saamaa jiraachuu fi namoota kaffaluu didan immoo reebicha hamaa irraan gahaa jiraachuu himu.

Exit mobile version