ONM-ABO Hagayya 11, 2023
Hagayya 2, 2023 barattoota qormaata seensa yuuniversitii, yuuniversitii Mattuutti fudhatanii galaa turan naannoo Warshaa Sukkaara Dhidheessaa biratti loltootni bilxiginnaa konkolaataa dhaabsisuun Waraana Bilisummaa Oromoo faarsaa deemtu jechuun konkolaataa keessaa buusanii duuba qawween erga reebanii hedduu isaanii hidhan, hin gadhiisin jiru.
Barattoota qormaata xumuranii galaa turan waliin barsiisotni lama maqaan isaanii Immiruu fi Guutuu jedhaman barattootni kun dhimma tokko keessaa akka hin qabnee fi qormaata irraa galaa akka jiran waraana bilxiginnaaf himuun akka gadhiisaniif gaafatanis isaaniinis reebuun barattoota sana waliin waajjira poolisii aanaa Jimmaa Arjootti hidhanii jiru.
Murni faashistii PP aanaa Jimmaa Arjoo keessatti rakkoolee gurguddaa maqaa siyaasaan raawwachaa jiraachuu kan himan maddeen, gochi barattoota Oromoo irratti bifa kanaan raawwatu kun ilmaan Oromoo gabatee barnootaa irraa danquuf karoorfamee akka hojjetamaa jiru dabaluun ibseera.

