Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Harargee magaalaa Cirootti hidhaa fi dararriin Waraanaaf kaabinoota onichaan uummata nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe jira

Lixa Harargee magaalaa Cirootti hidhaa fi dararriin Waraanaaf kaabinoota onichaan uummata nagaa irratti raawwatu jabaatee itti fufe jira.

ONM-ABO Onkoloolessa 22, 2022
Magaalaa fi baadiyyaa ona Ciroo keessatti kaabinoonnif Waraanni sirna maafi’a PP wal ta’uun yeroo garaagaraatti namoota hidhuu ,reebuu fi akkasumas nama nagaa qabuun sobanii maqaa maqaa Waraana Bilisummaa Oromoo itti maxxansuun miidhaan irraan kan ga’aa jiran yoo ta’u, gocha farrummaa kana itti fufuun bulchiinsa magaalaa Ciroo keessatti nama hidhuu hammeessanii jiru. Hidhaan nama dararuun amala kan itti ta’e murni bilxiginnaa amala isaa itti fufuun Roobii darbe Onkololeessa 19, 2022 magaalaa Ciroo keessaa dargaggoo Ibsaa Yaasin kan jedhamuu fi namoota sadii kan maqaan nu hin ga’in waliin Waraana Bilisummaa Oromoo deggertu ittiin jechuun badii malee hidhaaf saaxilanii jiru. Kana malees magaalicha keessatti mana namoota irra deemun namoota WBO waliin hidhata qaban baasaa jechuun namoota hedduu doorsiisaa kan oolan yoo ta’u, qonnaan bultoota namoota baadiyaa aanaa Ciroo keessaa gabaa waa bitachuu fi gurgurachuuf deeman karaa irratti eegun maallaqaa fi bilbilaa saamuun dhiibbaa gurguddaa geggeessaa jiraachuu madeessan Arraata Biyyoolessa Oromiyaa gabaasaniiru.

Exit mobile version