ONM-ABO Amajjii 29, 2024
Uummanni Oromoo uummata nagaan hojii isaa geggeeffachuun jiraatu yoo ta’u, mootummoota abbaa irree dhufaa darbaniin garuu alaa manni isaa nagaa dhabuun sababa inni hin beekneen mana hidhaatti jumlaan naqanii dararaa jiru.
Gochoonni hidhaa irra deddeebiin Harargee lixaa aanaa Ciroo keessatti raawwatamaa jiru jabaatee itti fufuun, namoota Naasir Aliyyii, Aammee Aliyyii, Ibroo Aammee fi Jamaal Umar jedhaman waajjira poolisii magaalaa Ciroo keessaa baasanii raayyaa ittisa biyyaa deemtu jechuun gara mooraa waraanaa akka geessan maddeen magaalichaa himan.
Akkasumas araddaa Laaluu Guddoo keessaa nama maqaan isaa Usmaan Abdallaa jedhamu abbaa maatii 7 kan ta’e nama waggoota dheeraaf achi keessa jiraachaa ture Wallagaarraa dhufte jechuudhaan yoo hidhan, Haliimaa Abdurhamaan nama jedhamu ammoo WBOf galaa kenite jechuudhaan waajjira poolisii aanaa cirootti hidhuus dabaluun ibsan.
Abbaan araddaa Mohaammad Siraajoo jedhamu uummata aanichaa hidhuu fi saamuu irratti bobba’ee kan jiru yoo ta’u, yeroo ammaas namoota shan basaasummaaf leenjisee hawaasa nagaatti bobbaasee jiraachuus maddeen kun hima.
Obbo Jamaal, Usmaanee, Amad Nuur Shimee, Faaxumaa Amad Xayib fi Hasan Gaantaa kanneen jedhaman kunneen warreen basaasummaaf hawaasa keessa bobbaafaman yoo ta’aan, hawaasni akka irraa of eeggachuu qabu maddeen keenya aanichaa Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himaniiru.

